top of page

Hawwiin Keenya Itoophiyaa Baratte Uumuu dha. 

Barattoonni Itoophiyaa keessa jiran ofiifi biyya isaanii akka jijjiiran gargaaruun kaayyoo keenya. 

Barumsi Itoophiyaaf kaampaanii tola-ooltummaa yoo tahu kaayyoon isaa barmusa dijitaalaa barattoota Itoophiiyaatiif afaanota Itoophiyaa gara garaatiin dhiheessuu dha. Itoophiyaan biyya afaaniifi aadaa baay'eeti. Ummata biyyattii keessaa parsantaa 40 kan tahan ijoollee umrii 14rii gadiiti. Abjuun keenya barattoonni Itoophiyaa gargaartuuwwan barnoota dijitaalaa kan afaan isaaniitiin qophaahan fayyadamuun ofiifi biyya isaanii akka jijjiiran gargaaruu dha. 

home_girls_many_light.png
PayPal ButtonPayPal Button
home_boy_at_desk.png

Rakkoo Afaanii 

Barnoota saayinsii afaan sirritti hin dubbanneen barachuun baay'ee rakkisaa dha.

PayPal ButtonPayPal Button

Rakkoolee barattoota Itoophiyaa mudatan keessaa inni tokko barnoonni ol-aanaan kan kennamu Afaan Ingiliiziitiin yemmuu tahu irra guddinni isaanii dandeettii Afaan Ingiliizii gahaa waan hin qabneef barnootawwan u'ulfaatoo (keessattuu kan herregaafi saayinsii irratti xiyyeeffatan) salphatti hubachuu dhabuu isaaniiti. Nu'i rakkoo manneen barnootaafi barattoota jidduu jiru kana ni furra jennee abdanna. Bakka manneen barnootaa bu'uuf fedhiifi humnas hin qabnu. Haa ta'u malee barattoota gargaaruun akka barnoonni salphatti galuuf godhuu ni dandeenya.  

Rakkoo Yeroo

Barnootaan alatti barattoonni keenya itti gaafatamummaa baay'ee qabu. 

Yeroo tokko tokko itti-gaafatamummaa umrii isaaniitii ol tahan baadhatanii yeroon isaan barnootaaf kennan dhiphataa taha. Akkuma beekkamu itti-gaafatamummaan kunniin keessattuu barattoota shamarranii irratti dhiibbaa guddaa godha. 

  • Eelee dhaabuufi maatiif nyaata qopheessuu

  • Gabaa bahanii maatiif galii argamsiisuu

  • Obbolaawwan quxisuu kunuunsuu

  • Waan meeqa!

home_girl_issue_time.png
PayPal ButtonPayPal Button

Gargaarsa Keenya

Qaqqabiinsa barnootaa mirkaneessuu

Barnoota dijitaalaa afaanota Itoophiyaa garagaraatiin dhiheessuun biratti fakkeenyota barattoonni beekan fayyadamuun akka barnoonni salphatuuf goona.  

Barnoonni dijitaalaa keenya baratoonni akka saffisaan qo'ataniifi akka irra deddeebi'an gargaara. Sababoota adda addaatiin yeroodhaaf barnootarraa ka'anis sagantaan keenya salphatti isaan kiisa. 

 

Dabalataanis barnoonni keenya viidiyoolee salphaa tahaniin kan qindaa'eefi dhaabbolee barnootaa beekkamoo tahaniin kan deeggaramee dha.

PayPal ButtonPayPal Button
home_girl_solution.png

Barattoonni akka kaayyoo isaanii bakkaan gahatan taasisuu. 

Deeggarsi barbaachisaan barattoota Itoophiyaatiif osoo godhameefii bakka guddaa gahu. 

PayPal ButtonPayPal Button
home_kids_growup.png

Itoophiyaan biyya ijoollee lafaa ol-deemoofi dargaggeeyyaniiti. Dargageeyyiin kun of bira darbanii maatiifi hawaasa isaanii gargaaruu danda'u. Kana fiixaan bahuuf gaheen keenya barnoota haala salphaan dhiheessuufi mijjaawaa godhuu dha.  

platform_twophones.png

Dirreen Saquama maalinni?

Dirreen "Saquama" jedhamu barattoonni akka salphatti qo'atan isaan dandeessisa.

Dirreen kun appilikeeshinaan, marsaa fi chaanaala youtube-iin barattoonni barnoota barbaadan akka argatan dandeessisa. Itti-fayyadamiinsi isaa akka salphaa tahuufi qaqqabiinsa akka qabaatu jabaannee hojjataa jirra. 

Gara fuulduraatti dirreewwan barnoota ogummaa, barnoota ol-aanaa fi guddinna dhuunfaa kan guddisan qopheessuuf hawwii qabna. 

PayPal ButtonPayPal Button

Michuuwwan keenya 

Dhaabbilee garagaraa wajjiin qindoomnee kaayyoo keenya bakkaan ni geenya

Yeroo ammaa kana dhaaba beekkamaa kan tahe Kaan Akkaadaamii "Khan Academy" wajjiin walii-galtee qabna. Barnootawwan isaanii afaanota Itoophiyaa garagaraatti jijjiiruu irratti hojjachaa jirra. Michuuwwan biroo wajjiinis hojjachuuf fedhii qabna. Keessattuu qabiyyee barnootaa, hiikkaa fi qaqqabiinsa irratti dhaabbilee nu wajjiin hojjatan yeroo hundaa ni barbaanna. Waliin tokko taanee qindoomnee ijoollee Itoophiyaa irratti jijjiirama gaarii akka finnu shakki tokko hin qabnu. 

We are grateful to the McMillan Stewart Foundation for their grant support for content production. 

STEMpower is an educational institution with a large presence in Africa, particularly in Ethiopia. Through their country-wide STEM Centers, we are working to make our content available for students across Ethiopia. 

We are continuing our work with the Ministry of Education of the Federal Democratic Republic of Ethiopia,supporting STEM education in schools and participating in the annual National Science and Engineering Fair. 

partner_khan.png
Screen Shot 2021-07-24 at 5.36.59 PM.png
stempower logo.jpeg
ministry of education logo.png

We are collaborating with China-based NGO, Shero League, in order to provide 1on1 Chinese learning for selected Ethiopian students. In this program, young college students and graduates from China provide intro Chinese lessons to young people in Ethiopia. Would you like to see a video showing the progress of students in just a few months?

PayPal ButtonPayPal Button
Picture1.png

Established in 1926, Lycée Guebre-Mariam is the most prominent French school in Ethiopia. We are honored that they are providing us access to their state-of-the-art laboratories to film our STEM content for a wider audience. Through this collaboration, we are hoping that millions of students who don't have access to the same facilities can still broaden their horizons. 

lycee Guebremariam school.png

BARRUU

No posts published in this language yet
Once posts are published, you’ll see them here.
bottom of page