Dirree "Yimmaaruu" jedhamu:
Barnoota KG-12 STEM fi leenjii afaanii kan kennu dirree barataa-bu'ureeffataa dha.
"Yimmaaruu" dirree keenya chaanaala youtube, marsaa fi appilikeeshinaan barattoota gargaaruudha. Yimmaaruu irratti barnoota KG-12 STEM fi akkasumas leenjiilee afaanii ijaaruu irratti argamna.
Yeroo guddachaa deemnu barnoota ogummaa, barnoota ol-aanaa fi dirreewwan guddinna dhuunfaa gargaaran akka itti daballu abdii goona.


Fayyadamiinsi isaa salphaa
Appilikeeshina Yimmaaruu
Mala appilikeeshinoonni istiriimiingiidhaan "streaming" beekkamoo tahan hojjiirra oolchuudhaan appilikeeshinni keenya salphaafi barnootawwan baay'ee dabarsuu kan danda'uu dha. Rakkoo tokko malee viidiyoolee keenya buufachuudhaan akka barbaaddanitti laaluu dandeessu.
Appilikeeshinichi kan yeroorraa yerootti fooyya'aa deemuufi kan nu wajjiin guddatuudha.
Qaqqabiinsa kan qabu
Yimmaaruu marsaadhaan
Meeshaalee ismaart tahan kamiinuu kan laallamuu danda'u yoo tahu barnootawwanis "istiriim" godhuu dandeessu.


Intarneetiin yoo hin jiraanne hoo?
Buufata barnootaa intarneeta-dhabeessa
Tamsaasni intarneetaafi daataa Itoophiyaa keessatti ammas qaqqabiinsa hanqata. Rakkoo kanarra aanuuf barnoota hundaanuu gahuuf teeknooloojii gosa biroo fayyadamna.
Sarvaroota xixiqqaa manneen barnootaa garagaraafi iddoowwan barattoonni argamanitti galchuudhaan barnoonni keenya intarneeta malee akka buufamu dandeessisa. Sarvaroonni kunniin itti-fayyadamiinsii isaanii kan salphaa taheefi kan salphatti hin fashallee dha.